top of page

Injifannoo Jaarmiyaa WBO Waliigalaa

JWBOW

Koonyaalee Oromiyaa Bakka garaa garaatti hidhaan itti fufee jiraachuu maddeen keenyarra nu dhaqqabee jira.Koonyaa Wallagga Bahaa Ona Waamaa Hagaloo Magaala Qassoo Keessatti Amajjii 11-2025 walakkeessa guyyaa irraa kaasee hanga gabaasaan kun qindaahetti mana hidhaa keessatti hidhamtootni nyaataa fi dhugaatii dhorkamuudhaan utuu balballi mana hidhaa irraa hin banamiin dararama jiraachuun Maddeen irraa nirkanaaheera. Hawaasa Onichaa yakka tokko malee maqaa ilmi keessan WBO keessa jira jedhuun dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu RBO odeeffatee jira. Hanga Ijoollee keessanitti himtanii akka galan ajaja itti dabarsitanii harka kennatanitti hin batan jechuudhaan manneen hidhaa garagaraatti ukkaamsuun yeroo ammaa kanatti maatii fi firoottan ilmaan Oromoo WBO keessa jiru jedhanii shakkan mara hiraarsaa jiraachuu fi kaanis barbadama jiraachuu maddeen RBO ibsan. Miseensi maatii tokkoo jumlaan hidhamaa jiraahuun beekame. Maatii Jaal Eebbaa Surraa keessaa Obbolaa isaa. Caalaa Surraa fi Tuulam surraa fi wasiillan isaa lamaan Obbo Shantuu Ittaanaa fi Obbo Kabaa Ittaanaa kanneen jedhaman keessaatti argamu.Kanaan duras Onkoloolessa 18-2023 keessa manni jireenyaa maatii Jaal Eebbaa Surraa saddeet,manni jireenyaa maatii Jaal Gammachuu Taammiruu afur waraana bilxiginnaatiin jalaa barbadaa'uun ni yaadatama.

Koonyaa Wallagga Lixaa Itti, Ajaja Kutaa Waraanaa Dhiha Oromiyaa jalatti kan Argamu, WBO idilee, Ajaja Zoonii Wallaggaa lixaa tarkaanfii fudhachuu beeksise.WBO'n Kutaa Waraanaa Dhiha Oromiyaa , Ajaja Zoonii Lixaa jalatti argamu Biirgeediin Odaa Kaarraa koonyaa Lixa Wallaggaa Ona Mana Sibuu Araddaa Guyyoo Xa'ibaa bakka adda Haroo iddoo bashananaa (Mannaaffashaa ) fi Araddaa Wajetii Qilxuu Lubootti kaleessa ganama Amajjii 11,2024 tarkaanfii fudhateen, humna diinaa irraa du'aaf madoon adabuun meeshaalee waraanaa irraa hiikuun Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoof galii taasiiseera.Gama meeshaatiin;Qawwee AKM 1, Rasaasa 60, Uffata Bokkaa / rain coat 3 fi Uffata waraanaa 1 irraa dhuunfachuun Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo gabbisee jiraachuu, RBO gabaaseera.Amajjii 12,2025 Raadiyoo Burqaa Oduu

 



66 views0 comments

Comments


                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page