Tarkaanfii Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessa Ganama har'aa amajjii 3-2025 Aanaa Yaayyaa Gullaalleetti fudhateen I/G waajjira galiiwwanii Godina Shawaa kaabaa kan ta'e Nama Tafarii Mokonnon jedhamuuf fi
Kaabinoota Godinichaa ammaaf maqaa fi eenyummaan isaanii adda hin baane walumaa gala Namoota 5 yemmuu ajjeesu Teedii Faantaa Bulcha Ganda Sadinii Biyyoo fi Galaana Kabbadaa Hojjataa Waajjira Qonnaa Aanaa Yaayyaa Gullaallee kan tahe immoo yaalaaf Bufaata Fayyaa Aanichaa galee akla jiru maddeen RBOtiif gabaasan.
Haaluma kanaan Wallagga Lixaa Aanaa Begii Ganda Tulluu Dhoqonuutti konkolaata waraanni garee bilxiginnaa 3F jedhamuun beekamu lakkoofsaan 4 tahan WBOdhaan gubamuu isaanii gabaasaan dirree irraa arganne ifa godheera.
Oduu biraatiin WBO'n godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa keessatti lukkeelee Bilxiginnaa du'aa fi madoon adabuun meeshaas irraa hiikkatee jira.
Amajjii 03,2025 WBO'n Zoonii Lixaa Imala Duula Cichoomina Kaayyoo itti fufee sochii isaa gara kallattii kibba lixa Oromiyaa godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Wangaree jedhamutti babal'isee guyyaa kaleessa Amajjii 02-2025 tarkaanfii laalessaa ergamtoota Bilxiginnaa irratti fudhateen, milishaa tokko battalatti ajjeesee tikoota 3 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Gama meeshaatiinis AKM 1 irraa hiikuun moonaa qabsoo Bilisummaa Oromootif galii gochuu Gootichi WBO dirree irraa ifa godheera.
Duulli Cichoomina Kaayyoo ittuma fufee
Amajjii 3-2025 zoonii gidduu gala Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Guullallee keessatti har'a tarkaanfii fudhateen diinaa du'aa fi madoon adabee jira.
Haaluma kanaan WBO'n godina Wallagga Bahaa Aanaa Haroo Limmuu keessatti waraana murna bilxiginnaa du'aa fi madoon adabee jira.
Ittuma fufuudhaan Amajjii 03,2025 WBO'n Zoonii Lixaa Imala Duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf tarkaanfii jajjabduu waraana nam-tikkee Abiy Ahimed irratti tarkaanfii WBOn fudhataa jiruun Amajjii 03-2025 waaree booda WBOn Urjii Lolaa godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Dangee jedhamu keessatti ergamtoota sirna qeenxee irratti tarkaanfii guggubduu fudhateen 4 battalatti ajjeesuun 2 madoon adabee injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii WBO kanaan kan baaragan waraanni bilxiginnaa Godina Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaa keessatti jiraattota saamuu fi hidhuu cimsanii itti fufaa jiraachuu maddeen nuuf gabaasanii jiru.
Guyyama wal fakkaatuun Amajjii 3-2025 Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Imbaatuu Mikaa'elii jedhamu keessaa Muddee 29,2024 ergamtoonni
Tamasgeen Mirreessaa jalaa qotiyyoo 2, Aadde Maskaram Haftee jalaa loon 3 sababa tokko malee saamanii deemuu maddeen keenya ifa godhan. dabalataan
- Addisuu Dabalaa,
- Taarikuu Fayisaa
- Tolaa jedhaman badii tokko malee bakka hojii isaaniitii ukkaamsuun rifeensa nam-tolchee mataa isaanii irraa kaa'uun miseensota WBO boojine jedhanii harka isaanii duubatti hidhuun gandoota naannessaa erga turaniin booda, gara waajjira Poolisii aanaa Jimmaa Arjoo geessanii hidhuu isaanii maddeen RBOf himan.
Haaluma wal fakkaatuun aanaa Kiiramuu ganda Guddina Jireenyaa jedhamutti Muddee 28,2024
- Aadde Biqilee Dassuu jalaa loon shan,
- Obbo Fiqaaduu Koontee jalaa loon torba,
- Obbo Badhaasaa Oliiqaa jalaa loon torba
Walumaa galatti loon 18 malee jalaa saamanii deemuu maddeen keenya bakkicharraa ifa godhan.
Comentarios