top of page

Kutaa waraanaa Gidduu galeessa Oromiyaa jalatti Ajajaan WBO Idilee Shawaa Bahaa Ona Fantaalleetti Tarkkanfii laleessaa Humna RIB irratti fudhachuu beeksise.

JWBOW

Kutaa waraanaa Gidduu galeessa Oromiyaa jalatti Ajajaan WBO Idilee Shawaa Bahaa Ona Fantaalleetti Tarkkanfii laleessaa Humna RIB irratti fudhachuu beeksise.


Haaluama Kanaan Humna dinaa hedduu du'aan yoo adabuu 17 madoo cimaaf saaxilee jira.injifannoo argame kanaanis meeshalee waraanaa Bireenii 3,Kilashii AKM heduu hidhannoo gutuu waliin dugdaa dinaa irra hiikuun moona qabsoo bilisummaa Oromoof olchuu

Ajaajan WBO Idilee zoonicha beeksisee.


Amajjii 16/2025    konyaa Horroo Guduruu ,aanaa Horroo Bulluq,ganda laaloo  keessatti waraanni mootummaa  ummata nagaa ajjeese.  Ummata midhaan sassaabaa jiru irratti dhukaasuun balaaf saaxiluunis beekkamee jira.namoonni balaa kanaaf saaxilamanis

1,Balaay Filee  (abbaa manaa)

2/Haadha manaa isaa

3/ Daa'ima isaa   madeessanii jiraachuu maddeen keenya achii nuuf odeeffatanii jiru.

Obbo Balaay Filee fi haati manaa isaa yeroo ammaa mana yaalaa seenanii kan jiran yoo tahu, Balaay Filee mataarra waan rukkutameef  haala yaaddessaa keessa jiraachuun ibsameera.


Lola WBO fi  Waraana mootummaa waliin taasifame Kanaan ganda Laaloo kana keessatti kan rukkutame waraanni PP ,reeffa fudhachuu hanqatee faca'ee kan ture yoo tahu,  humna dabalatee reeffa fudhachuuf yeroo deebihanitti ummata nagaa irratti dhukaasa bananiin kaan ajjeesanii kaan madeessanii jiraachuu maddeen keenya rbof ibsanii jiru.


Irree FI Gaachaana ummata oromoo  kan ta'e WBOn zoonii kibbaa konyaan Gujii lixaa

  humna diinaa Aanaa Abayaa Ganda Dibbicha jedhamu keessatti  mandheffate jiru irratti tarkaanffi fudhateen diina nama 22 ol yommuu dhabama taasisu,10 ol madessuun meeshaa waraanaa hedduu harkaa guuree jiraachuu ajajaan wbo zoonichaa ibsee jira.haaluma Kanaan

   

kilaashii AKM_ 12

Rasasa_Akm 1218

Rasasa Pkm_ 664

Hidhannoo - 13

Nyorooro pkm_1

Kazina_27 fi bombi_1

Bilbilota harkaa 5 galii godhee jira.

Wbo tarkaanfii itti fufuun Daandii guddaan Arsii Lixaa fi Bahaa wal quunnamsiisu aanaa Heeban Arsii ganda Dagaagaa keessatti sababa tarkaanfii WBOn guyyaa kaleessaa waraana faashistii PP irratti fudhateen cufamee jiraachuu maddeen keenya achii nuuf himanii jiru


Gootichi Waraanaa Bilisummaa Oromoo WBOn Shaggar lixaa Ona Meettaa Wal qixxee Minaaree bakka addaa Qundee jedhamu kessatti diina uummata Oromoo, RIP irratti tarkaanfii fudhatee jira. Tarkaanfii fudhate kanaaniis,


17 Madoon,11 Du'aan yoo adabu,4ammoo hidhannoo guutuu waliin Booji'ee jira.dabalataaniis Bireenii 2,Kilaashii 13 fi rasaasa hedduu dugda diinaa irraa hiikuun mooraa qabsoo  bilisumma oromoof galii godhee jira.Bifuma wal fakkatuun Shawaa Lixaa ona Meettaa Walqixxee ganda Qarree Heexoo keessattis lola gaggeeffameen WBO diina irratti ol’aantummaa gonfachuun,Bireenii 3, Diishqaa 1 moonaa qabsoo bilisumma oromoof galii godhuu ajajaan WBO zoonichaa beeksisee jira.


Koonyaa Horroo Guduruu Wallaggaa, Ona Horroo, Magaalaa Haaroo Aagaa fi Ona Horroo Buluuq bakka Addaa Rifeentii Caabiritti Lolaa WBO fi RIB giddutti gaggeeffameen WBO tarkaanfii Humnaa RIB  irratti fudhateen 25 ol du'aan yoo adabu hedduu madoo cimaaf saaxiluu WBO Zooni Wallagaa Bahaa beeksisee jiraa.injifannoo argameen cinaattis meeshaa waraanaa Kilashii AKM 40 ol hidhannoo gutuu walin Mooraa qabsoof galii godheera.


Shawaa Kaabaa Ona Hidhaabuu Abooteetti Lolaa RIB fi WBO gidduutti gaggefameen WBOn Humna RIB hedduu du'aaf madoon yoo adabuu meeshaa waraanaas hedduu booji’uu beeksisee.

Haaluma Kanaan,Diishqaa1, Bireenii 1, isnaayiparii 1 fi Kilashii 24 hidhannoo walin dugdaa dinaa irraa hiikuun moonaa qabsoof olchee jiraachuu ajajaan WBO zoonichaa ibsee jira.


Godinaalee oromiyaa hunda keessatti wbon Lola diina waliin taasisaa jiruun injifannoo olaanoo galmeessisaa jiraachuu beeksise.

Bifuma Kanaan Konyaa Buunnoo Beddellee Ona Cawwaaqaa keessatti tiksitoota Impaayerarratt tarkaanfii fudhateen 9 yoo booji'uu 13 du'aan adabee,heddushee madoo cimaaf saaxiluu beeksise.Gama meshan Kilashii AKM 24 hidhannoo gutuu waaliin moonaa qabsoof galii godhuu beeksisee jira.


Shaggar lixaa Onaa Jibaat ganda Allii Ossoo Qorkee keessatti lolaa WBO fi RIB giddutti taasifameen wbo rib adabuu beeksisee.HumnaRIB irratti tarkaanfii laleessaa WBOn fudhateen 13 du'aan yoo adabuu 17 ammoo madoo cimaaf saaxiluun,Kilashii AKM 10 hidhannoo guutuu waliin, rasaasa bireenaa BKM 700 fi maallaqa dugda dinaara hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisuu ajajaan zoonichaa beeksisee jira.


Harargee_Bahaa Aanaa Kurfaa Calleetti dargaggoonni lama milishootaan ajjeeffamuu maatiin himan.Godina Harargee Bahaa aanaa Kurfaa_Calleetti Amajjii 13, 2025 galgala dargaggoonni lama magaalaa Maayaa irraa gara aanaa Guraawaa motoraan imalaa osoo jiranii rasaasa qaamolee nageenyaatin ajjeefamuu maatiin dubbatan.

Dargaggoonni lamaan kun Kadiiree Shu’eebii fi Jaafar Abdulrazzaaq kan jedhaman yoo ta’u, lamaanuu jiraattota aanaa Guraawaa ganda Laaftoo ta’uu miseensi maatii dargaggoo Kadiiree tokko himaniiru.

Ganama nagayaan nu biraa bahanii motorsaaykilii haaraa bituuf gara magaalaa Maayaa deeman. Erga bitanii booda galgala gara aanaa Guraawaa Laaftootti motorsaykiliima haarawa bitaniin deebi’aa osoo jiranii miseensonni milishaa rasaasaan rukutanii ajjeesan jedhan odeessi achii arganne akka nuuf ibsetti.




115 views0 comments

Kommentare


                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page