Ibsa akkataa turtii Idilee Addaa bara 2018 irraa hanga 2020 keessa ture -Ifatti hin taane
Waa'ee yeroo idilee addaa
Ibsa waliigalaa
Murna ` Bulchiinsaa RFDE ` jedhee of yaamuun Butaman, Magaalaa keessatti ifatti wareegaman [ Murna kanaan ajjeefaman ] ,mana ukkaamsaa dhoksaa jiran, dhugaa malee murtii yeroo dheeraa itti murteeffame mana hidhaa garaagaraa keessaatti dararamaa jiran, qindoomina qaamota keessoo fi ormaa murna kanaatiin golgaa araaraatiin /sabotejii dalagameen dirree turani galfamanii hidhaman, wareegaman [ Murna kanaan ajjeefaman ], diinaa keessoo fi alaan kan butamee achi buuteen isaa addaan hin baafamne, utuu gara koonyaa maatii biratti galaa jirani fi gurmaa`insa caasaan isaa /WBO karaa jiru achi buutee dhabamanii wareegaman fi humnoota ergama murna kanaa qaban/WBO idilee fakkaataanii tohatamanii qaamaan hir`atan, wareegaman akkasumaas WBO idilee addaa keessatti dirqama isaanii bahataa utuu jirani dirqama kallattii irratti wareegaman, miseesota WBO sababa garaagaraa hin beekmneen siviilii tahanii biyya keessaa fi biyyoota alaa garaagaraa jiran fi gurmaa`insa Jaarmiyaa WBO Waliigalaa jalatti sadarakaa Olaanaa, Gidduugaleessaa fi sadrkaa Bulchiinsa Kallattii keessatti dirqama bahataa jiran.
Ibsa akkataa turtii Idilee Addaa bara 2018 irraa hanga 2020 keessa ture -Ifatti hin taane
gGurmaainsi Damee WBO idilee akkaataa qubsuma lafaatiin diriirfame qubsuma lafaa biyya ollaa fi WBO ergama idilee Oromiyaa keessatti ifatti turedha. Baayinnii WBO dirqama idilee ifatti Oromiyaa keessaa bahataa turantu heddumina qabu /caalu. Bara bulchiinsi nama nyaataa, sarbaa mirga namoomaa, qabeenya nama dhuunfaa fi biyyaa saamaa fi gocha saboteji uumee ittiin qabsahaa yakkaa TPLF fI Itti waamamoo isaa (bulchitootaa naannoolee) qabsoo uummata Oromoon dhabmsiisamee barbadeeffamee booda TPLFtti murni isaa karaa qaxxaamuraa/alseerummaatiin Aangoo RFDE dhuunfate WBO biyya ollaa irraa karaa seera qabeessaa biyya seenee Bulchinsa Naannoo Oromiyaatti konyaa Arsii `kaambii Ardaayitaa jedhamu Finfinnee irraa karaa kallattii Kibba Bahaan fegeenyaa kilomeetira [390} argamutti qubsiisame;
WBO Erityaa irraa biyyaa seenee kaambii Ardaayitaa qubsiifame. Akkuma Addi Biisummaa Oromoo ifatti biyya seenee booda turtii ji`a lama hin caallee keessatti haalotni jal`inaa mumula`tuu eegalan. Baatii sadaffaa irrattii duula maqa balleessii /PORPGAANDAA karaa sab-qunnamtii hawaasaa irratti caasaa AL-IDILEE FI QAAMOTNI hidhata bulchiinsa `jijjiirama `jedhee of yaamuun sabotejii walshakkii fi diigumsaa uumuuf isa takka garee godhanii balaalefachuu fi isa yakkan akka gantuu godhanii mul`isuu eegalan. Hanga yeroo taateen kun eegalame qondaalonni WBO dirree qabsoo jiranii fi kaambii Ardaayitaa jiran ergama duula maqa balleessii WBO dirree jiran irratti eegalame. Damee WBO irraa ifatti wanti jedhame hin jiru ture;
Qondaalotni fi miseensotni WBO kaambii keessa jiran Hoogganoota koree hojii raawachiiftuu Adda Bilisummaa Oromoo dubbisuu murteefatee ergaa karaa qaama dhimmi ilaallatuun dabarfate. Hooggani ABO akkuma ergaan `nu dibbisaa' isaan qaqqabeen Jilli hogganoota ABO Jaal Abdii Raggaasaa, Jaal Yaddii Abdushukurii fi kaanis hammate gara kaambii Ardaayitaatti WBO dubbisuuf imalanii hoogganootni fi qonaalotni WBO waltajii marii waraanaa uummachuuf utuu qophiitti jiranii Murni Gocha alseerummaa , aadamaleessa fi shororkeessummaa uumuun hojii isaa idilee tahee ( TPLF itti murna j`ijjiiramaa ` ) jila hoogganaa ABO akka WBO hinquunnamee fi hin marihanne danqaa sabotejii raawwatee mirkaneesse;
Qondaalonni WBO sana irraa WBO kaambii keessa jiruu fi dirree jiru irraatti TPLFtti murna bulchiinsa Itopiyaa Gocha Ergama sabotejii WBO falmataa bilisummaa uummata Oromoo utuu hin taane waraana ergama ebeluu raawataa fi Hokkora alseerummaa taaktiika wal amantaa dhabsiisuu fi kan kana fakkaatan kallattii garagaraatiin sochii maqaa balleessii ifattii raawwate;
Miseensi qondaalota WBO haalota farrummaa addaan baasee, galma dhokotaa isaas addaan baasee beekuun dirqama /dhimma isaa ijoo fardii godhachuun akkuma haalli isaa mijatetti dhimma behee tarkanfiilee fudhachuu qabu walduraa duubaan hojiirra oolche. Akkasumas bu`aa xinxixala haalotaa fi tahu malaa taakktiikicha haala dhufu kamuu ofirraa ittisuu fi sagantaa jaallummaa jidduu isaanii jiru daran jabeefachuu fi 'ololaa fi porpogaandaa murna kanaaf gurraa hin kenninuu' irratti waliigalan;
Qondoolanni ergama sabotejii kana duubaan jiruu fi qaama jiran addaan baasee bira gahuuf /odeefannoo dabalataa argachuuf jaarmiyaa Q.B.Otti Qaruuxee Q.B.O. karaa ifatti hin taaneen odeeffannoo qindaahaa argachuuf quunnamuu murteeffaate;
Akeekaa fi kaayyoon TPLFtti murni bulchiinsa Itoopiyaa karoora bal`aa sagantaa yakka qindaahaa WBO kaampii jiranii fi dirree falamaa irra jiraniif qophii xumuree sadrakaa itti lixa mirkaneessuu irra akka jiran addaan baafame;
Sagantaan kun akka waliigalaatti Adda Bilisummaa Oromoo diiguu /bittinneessuu WBO kaampii jiran booji`uufi WBO dirree jiran Hiikkachiisuuf kan yaadame tahuu adda bahe;
Kana mirkaneessuuf qaamota garaagaraa hawaasa sivilii /uummata Oromoo itti waamanii fi humnoota waraanaa alarraa ergifannaa /waltumsaa ,waliin qindaahaa ,waraana maallaqaan kireeffamaa ... gurmeeffate;
Gocha ergama ajjeechaa qondaalota WBO olaanoo sadrakaa dameetti, qondaalota giddu galeessaa raawatan Humnoota Gcha shororkeessummaa, gocha yakka qindaahaa, waraanaa humnoota gocha hokkora siviilii sanyiin walwaraanuu raawwatan, homnoota WBO idilee fakkaatanii saboteji raawwatan, humnoota basaasaa , kanneen haalota qoratan , iccitii keessoo sakattahanii argatan , humnoota eenyummaa qondaalota waraanaa fi qaruuxee karoorsan fi qindeessan bira gahan /argachuu raawwatan ... RFDE itti Bulchiinsaa Naannoo Oromiyaatti bobbaasuun raawatan. Humnoota badii kana Biiyyota alaarra galfate Oromiyaa keessaa teessuma lafaa naannoo qondaalotni startejii fi Ajajoota WBO nan argadha jedhee yaadee hundatti qubsiise;
Shorokeessummaa fi yakkoota sarbamiinsa mirga siviilii raawatan ,humnoota ergama qaruxummaa fi basaasummaa riqica caasaa lojistiksii WBO magaalaa addaan baasanii ciran humnoota ergama gocha alseerummaa fi ajjeechaa ifatti caasaa alidilee WBO magaalaa keessaa adamsee ifatti ajjeesu akkasuma TPLFtti murni bulchiinsa MAAFIYAA kun humnoota garaa garaa Humna WBO fakaataa diriirsee ergama WBO fakkaatu qabu yakkoota idilee uumata Oromoo irratti SAAMICHA FI SHAMARRAN GUDEEDUU RAAWATE MIRKANEESSUUF bixxalame. Akkasumas qaamota WBO alkallattiin itti waamama isaatiif tahu Waraana Bilisummaa Oromoo idilee / Fakkaataa ergama sabotejii shira Kaayyoo waliigalaa WBO, duudhaa fi safuu Oromoo cabsuu fi saansakkaa WBO ittiin masakamu kan Ummata Oromoo fi hawaasa idiladunyaa biratti fudhatamaa fi beekamtii qabu Gocha shiraa raawachuun shakkii keessa galee amanamummaa fi abdiin WBO fi uummata jiddu jiru boorehee addaan akka cituu fi hawaasni idil adunyaa kaayyoo fi akeeka WBO akka balaalefatuuf murna badii kanaan gochi shorokeessummaa kun karoorfamee qindaaheen WBO idilee fakkaatan konyaalee Oromiyaa keessa qubsiise;
Qondaalonni dirqama addaa Ifatti hin taane qindeessan sagantaa karoora hojiilee dirqama addaa idilee hojjetaman / Hojiiwwan yakka gurmaa’ee fi shororkeessummaa Ajjeechaa qondaalota WBO waliigalaa, sabotejii, maqaa balleessii, hokkara mirkaneessoo, akeekaa fi kaayyoo WBO fudhatama dhabsiisuu mirkaneessu ittisuuf kaayyeffatan irratti dura dhaabbatu, qolatu, ittisu, adamsee laamshessu fi ” ittiisuu, deeggarsa barbaachisaa ta’e akka kennu garee hojii addaa hundeessee akkasumas hanga dhiibbaa jala`aa karoorri farra tarsiimoo kun hir`ifamutti Tarrisa maqaa Qondaalota WBO diinni of harkaa qabu kan W.Q.O. nuuf mirkaneesse yeroof daangaa seerota dhorkaa /nageemyaa isanii mirkanaahaa keessa turan /ta`an fi hojii hordofanii tohatan murtaahe;
WBO garee kana ifatti hin taanee qindeessuun isaa dhimma jiraachuu qondaalota WBO, dhimma imaanaa wareegamaa, dhimma qajeelummaa qajeeltoo Orommummaan akeekuu dha. Yeron dirqama idilee addaa kun haala rakkisaa fi walaxaxaa keessatti qindeeffamee raawwatame;
Sochiin gartuulee keessoo WBO idilee fakkaattu, maadhe WBO fakkaatuu, fi /basaastota waliigalaa dhiibbaa sadarakaa yaaddessaa irraa hir'isuuf ergamni idilee addaa Adamsuu, qolachuu, bittinneessuu fi to`aachu hanga bara 2021, ji`a 6ffaatti itti fufe;
Guutummaa guututti tahuu baatullee sadarakaa nageenya qondaalota WBOf yeeddessu irra hir'isuun dandahmeera. Akkasumas koonyaalee Oromiyaa jiran keessaa WBO idilee fakkaatuu fi seelii ishee qolchuunii fi tohachuun mirkanaheera;
Gocha Shororkeessummaa Madda TPLFtti garee jijjirama ofiin jedhanii fi qaamota qindoominaa /tumsa isaaniif alarraa dhufanii Raawwatamu Ittisuun hojjatame.
Bara 2021 gara xumuraa hojiin gurmaa'insa quunnamtii qondaalota qajeeltoo seera dhorkaa ture gara qajeeltoo iimmata WBOtti gurmaeessuun eegalme. Sadarakaa koonyaatti ajaja Gartuu fi ajaja Birgeedii , Buttaa akkaataa barbaachisummaa isaanii walitti hidhu akka quba walqabaatan godhame mirkanahee itti fufe. Jalaqaba bara 2022 gara ajojooti bakka garaagaraa Koonyaa koonyaa jiran adeemsii sadarakaa gadiitti raawatame mirkanaahe; caasaa WBO dirqama idilee addaa qabu koonyaatti gurmahanii jiran mirkanahee raawatame;
Walakkeessaa 2022 WBO Dirqama lama walafaana raawataa ture; haftee humnoota murni maafiyaa qindeessee hafanii fi seelii isaanii sadakaa koonyaatti guutummaa guutuutti barbadeeffamee hojiin ala tahuu fi Gurmaa'insa caasaa WBO koonyaa koonyaatti qindeessuu fi gaafatamtoota kaadhimanii mirkaneessuu raawatamee hanga xumura 2022 itti hojjetame;
Jalaqaba bara 2023 dirqama idilee addaa gurmaa'insa caasaa sadarakaa koonyaaleetti qindeeffamnii fi qondaalota olaanaa damee WBO kan daangaa seera dhorkaa keessa turan gurmaa’insa koonyaa walquunnamee haalota waliigalaa ibsuu fi lubbuun akka jiran miseesotaa WBO idileef mirkaneessuu /quba qabaachisuutu raawwatame milkaahee dirqamni kun/sagantaan kun Waraana Bilisummaa Oromoo waalteessu mirkaneessuu jedhamee moggaafamedha ;
Waalteessuu cinaatti qondaalonni olaanoo damee WBO dhimma itti fufiinsaa WBO walqabatu kan Itti waamama / hojii isaatiif itti gaafatama ifatti kan kana fakkaatan irraatti qondaalota sadarakaa garaa garaa bulchiinsaa , giddu galeessaa fi qondaala/ajaja kallattii hirmachiisuun marihatamu saganteessee hoojiirra oolche;
Itti baha marii kana akkataa itti gaafatamummaa, itti waamama furmaata Gurmaa`insa / Caasaa Ifattii maqaa ` Jaarmiyaa ` Sadarakaa daangaa Aangoo fi gehee hojii isaa Jaarmiyaa ergama DHIMMOOTA SIVIILII FI WARAANAA QABU MURTEESSE;
Sochiin dirqama idilee addaa gurmaainsaa, hojii fi humna imaammata waliigalaa quba qabaannaa qaamota seeraa dhorkaan hubatame hojiitti hiikuun karoorsuu, qindeessuu fij kan kana fakkaatan hojii walitti fufiinsa baatii sadii hanga ADOOLESSA TTI HOJJETAME RAAWWATE.
